Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

  • Slide Background Image
    Muxannoo hojii Wal Jijjiraa Komishinii Karoorafi Misooma oromiyaa fi
    Biiroo Karoora fi Misooma Naannoo Tigray
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Marii
  • Slide Background Image

You are here

Gahee Hojii Daarektoreetii Karoora Misoomaa

  • Karoora hojii daarektoreetichaa ni qopheessa, yeroo mirkana’uu hojiirra ni oolchaa,gabaasa isaas yeroo yerootti qopheessuun qaama ilaallatuuf ni dabarsa;
  • Tarsiimoowwan misoomaa mootummaa irratti hundaa’uudhaan karoora misoomaa yeroo dheeraa fi giddu galeessaa mootummaa naannichaatiin raawwatamu ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra akka oolu ni taasisa, hojiirra ooluu isaa ni hordofa; ni to’ata.
  • Sirnaa fi kallattii karoora misooma naannichaa ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;Kanaan walqabatee hojiilee moodela karoora naanichaa akkasumas maanuwaalii qophii karoora misooma naannoo qopheessuun hojiirra ni oolcha, hojiirra oolmaasaa ni hordofa;
  • Karoora misooma naannichaa kan yeroo dheeraa, giddu galeessaa fi gabaabaa qopheessuuf kan gargaaran qo’annoo fi qorannoo hawaas-dinagdee ni gaggeessa;
  • Agarsiistuuwwan raawwii fi safartuulee ulaagaalee waliigalaa dhimma dinagdee, hawwaasummaa fi kkf ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa,hojiirra oolmaasaa ni hordofa;
  • Agarsiistuwwan raawwii adda bahaniif ragaa ka’umsaa (base line data) ni qopheessa;
  • Akkaataa qophii fi dhiyeessa karooraa fi pirojektootaa irratti manneen hojii mootummaa naannichaatiif deeggarsa teeknikaa ni kenna;hojiirra oolmaasaa ni hordofa;
  • Qophii karooraa irratti dandeettii raawwachiisummaa manneen hojii  sadarkaa sadarkaan jiranii cimsuuf leenjiiwwan adda addaa ni kenna, jijjirama mul’atus ni hordofa;
  • Hojiiwwan agro-ikoloojii naannichaa adda addaa irratti xiyyeeffatamanii gaggeeffaman ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa, qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  • Sirna ummanni qophii karooraa, hojiirra oolmaa hojii misoomaa keessatti hirmaachuu itti danda’u ni diriirsa; raawwii isaa ni hordofa; akkasumas hojii misoomaa hirmaannaa ummataatiin gaggeeffaman irratti ragaa ni sassaaba;
  • Sagantaalee fi pirojektoota guddina dinagdee naannichaa keessatti faayidaa olaanaa qabaniifi seektarootaan qophaa’uu hin dandeenye ni qorata; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha,
  • Hojiilee dabalataa karoora waliin wal qabatan hundumaa ni raawwata.