Tajaajiloota Qo’annoo Pirofaayilii Hawaas- Dinagdee Maammilootaaf kennaman
- Dokumantoota Qo’annoo pirofaayilii Hawaas-Dinagdee aanaalee, Godinaalee fi Naannoo itti fayyadamtootaaf kennuu;
- Dokumantii qo’annoo fiizikaal Ji’oogiraafii tajaajilamtootaaf kennuu;
- Dokumantii Atilaasii naannoo
Tajaajiloota Ragaawwan ‘GIS” Maammilootaaf kennaman
- Kaartoolee daangaa bulchiinsa Godinaalee, aanaalee fi naannoo agarsiisan
- Ragaalee bocaa (Shape file data) daangaa bulchiinsaa, facaatii fi kkf
- Ragaalee facaatii bu’uuraalee misooma aanaalee, Godinaalee fi Naannoo kaartaa fi ‘excel’dhaan
Hojiiwwan Haarawaa Qo’annoo Pirofaayilii fi ‘GIS’ 2016
- Godinaalee horsiisee bulaa keessaa godinoota afur fudhachuun Pirofaayilii hawaas -dinagdee godinaalee kanaa ragaa bara 2013 hanga 2015tti jiruun akka pirojektiitti qopheessuu fi maxxansuun tajaajila akka kennu gochuu,
- Magaalota itti waamamin isaanii naannoof ta’an 27 ilaalchisee manneen hojii naannoo fi Godinaa dhimmi ilaallatu waliin ta’uun ragaalee daangaa kanneen biroo sassaabuun sirreeffama barbaachisu taasisuun hojiif akka oolu gochuu
Tajaajila Kara Garee Dhimma Idileessaa Koorniyaa, Daa’imman, Dargaggoo fi HIV/AIDs karoorfamaan
- Deggersaa fi kunuunsa Da’immaan 10 maatii hin qabnee, harkaa qaleeyyii fi ga’eessota 10n vayireesiin HIV/AIDS dhiiga isaanii keessa jiruu fi saaxilamoo ta’aniif deeggersa barbaachisu taasisuu fi projeektii bara 2013 eegalamee jiru (daktuu midhaan nyaata ) ijaaramee xumuramee hojii eegalchiisuun namoota kanaa hojiitti galchuufi Akasumas baajata bara 2016n deggersa daa’imman 10fi ga’esoota vayresiin dhiiga isaanii keessa jiru 10 walumagalatti namoota 20 irraatti deggersaa haaraa eegaluudha
- Dubartoota Mirgaafi dirqama isaanii akka beekaniif waldaan ijaruun ijaramsa waldichaaf galii waggaa sassabuu,
- Hojiilee dhimmoota jijjiirraa, guddinaa, qaxarrii fi carraa barnootaa fi leenjii sadarkaa adda addaan taasifamuun kallattii dubartoonni deeggarsa addaa/ Affrimative Action/ akkaataa qajeelfamaa fi dambii jiruutiin hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota guddisuu qindoomina daareektooreetii bulchiinsa humna nama waliin ta’uun hordofii gaggeesuu.
- Caasaa komishinii keenya Sadarkaa Godinalee fi Bulchiinsa Magaaloota irra jiraniif deggersa adda adda gochuu
Hojiilee gamaa tolaa oltummaan karoorfaaman
- Dargaggoota harkaa qalleeyii 4 dhiiraa 2 fi dhalaa 2 Sadarkaa barnoota ol’aanaa irra kan jiraan akkuma baroottan darban itti fufiinsaan deggersa barbachiisa gochuu.
- Dabalatanis Daa’imman matii hin qabne harka qalleeyyii akka komishinii keenyatti meeshaalee barnootaf oluu kan akka daftara, pennaa,boorsaa fi Irsasii bituun dhi 10 fi dha 10 Waliigalatti baratoota 20 ta’aaniif deeggersii akka tasifamuu gochuu
- Namoota deggersa adda barbadaan qaama midhamttoota dhi 4 ta’aniif akkuma baroottan darbanii itti fufinsaan deggersa adda adda gochuufidha
- Argooma dhiigaa Unit 50 tasiisuu
- Abukaadoo sanyii filatama irratti namoota ijaaramanii hojjeecha jiraniif deggersa adda adda tasisuu fi hordoffii gochuu
- Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhabbatee jiruu 12,850kunuunsuu
- Bara 2016 kanas Biqiltuu Ashaaraa magariisaa lakk 10,000 dhaabuu
- Mana haadha Iyyeessa lakk 4 ta’aan ijaruu
- Buusii hojjettoota irra persantaa 1 Hoggaanttoota irraa immoo Parsantaa 2 cituu qamaa dhimmi ilaluutti dabarsuu