Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

  • Slide Background Image
    Muxannoo hojii Wal Jijjiraa Komishinii Karoorafi Misooma oromiyaa fi
    Biiroo Karoora fi Misooma Naannoo Tigray
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Marii
  • Slide Background Image

You are here

Daayireekteera Xiillannoo / Istaastiksii

  • Karoora hojii daarektoreetichaa ni qopheessa, yeroo mirkana’uu hojiirra ni oolchaa,gabaasa isaas yeroo yerootti qopheessuun qaama ilaallatuuf ni dabarsa;
  • Tarsiimoowwan misooma dinagdee mootummaa naannichaa bu’aa qabeessa taasisuuf sirna xillannoo diriirsuun ragaa haala ammayaa’aa ta’een ni sassaabsiisa;
  • Ragaalee sassabaman xiinxaluu fi qindeessuun haala mijataa ta’een ni kuusa;
  • Baajati barbaachisu akka ramadamu taasisuun barruulee xillannoo adda addaa ni qopheessa; ni maxxansa; ni raabsa;
  • Sirna qabiinsa ragaa hammayyeessuuf moosaajii ragaa   (Data base ) sadarkaa  aanaalee , bulchiinsa magaalotaa , Godinaalee fi naannootti  ni hundeessa;
  • Ragaalee hojiii qorannoo fi qo’annoo adda addaatiif oolan sassaabuun hojii karoora misoomaa,xiinxala imaammataa fi gamaaggamni raawwii karoora misoomaa akka milka’uuf ni hojjeta;
  • Ragaa waggaa qoodinsa baajata aanaalee ni sasssabsiisa qaama ilaalatuf ni dabarsa.
  • Dandeetti raawwachisummaa aanaalee,bulchiinsa magaalotaa,godinaalee fi sekteroota naannoo hojii ragaa irratti cimsuuf leenjiiwwan ogummaa adda addaa ni kenna;
  •  Tajaajiila Ejensii giddugaleessa Xillannoo biyyooleessaa waliin ta’uun hojiiwwan samuda (Statistical Survey) naannoo  fi kanneen kanaan walqabatan  ni hojjeta;
  • Naannolee adda addaa waliin hariiroo hojii uumuudhaan muuxxannoowwan gaggaarii argaman ni babal’isa;
  • Tilmaama baay’ina uummataa (population projection) gandootaa, aanaalee, godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa teessoo,umurii, saalaa fi kan biroon qopheessuun ittifayyadamtootaaf ni raabsa;
  • Tilmaama baay’ina daa’imman umuriin isaanii barnootaaf ga’e (School Age Population) aanaalee,bulchiinsa magaalotaa akkasumas godinaalee saalaan fi umuriin ni qopheessa,qaamolee barbaadaniif raabsuun tajaajilaaf akka oolu ni taasisa;
  • Qulqul’ina ragaa naanichaa eegsisuuf agarsiituuwwan karooraa sektera sekteraan adda bahan irratti ragaa walitti qabuun xiinxala ragaa (data analysis) ni gaggeessa;
  • Qaamolee adda addaa kanneen akka ’CSA’waliin ta’uun hojii surveyi (survey work) ni gaggeessa;
  • Hojiilee dabalataa Xillanoo waliin wal qabatan hundumaa ni raawwata.
  • 2003 Statistical Abstract                                                          2004 Statistical Abstract
  • 2005 Statistical Abstract                                                         2006 Statistical Abstract
  • 2007 Statistical Abstract                                                          2008 Statistical Abstract
  • 2009 Statistical Abstract                                                          2010 Statistical Abstract
  • Istaatikaal_Abstraaktii_Jildii_20ffaa_kan_bara_2012           
  •  Istastikalii_Abstraktii_jildii_19_ffaa_bara_2011
  • Oromia Statistical Abstract_21st edition_final Version6_11 final
  • Trend Analyis