Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                               

  • Slide Background Image
    Leenjii GIS &GPS
  • Slide Background Image
    Dookumantii Inisheetivii Nageenyaa Misoomaa Itti Fufinsa
    qabu mirkaneessuu irratti Marii gaggeeffame
  • Slide Background Image
    Leenjii Kenniinsa Tajaajilaa fi Istandardii Kenniinsa Tajaajila Xiqaa
  • Slide Background Image
    Guyyaa Ayyyaana Riivaanii Adii fi Guyyaa Ayyaana HIV AIDSii
  • Slide Background Image
    KennaTajaajila Lammummaa gama kunuunsa biqiltuutiin kunuunsudhaan
  • Slide Background Image
    The Center for African Capacity Development (CACD)“ fi
    Koleejjii Daandii Boru waliin qinda'un Magalaa Adaamaatti Sekteroota Mootummaa Naannoo Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Komishiniin Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Leenjii gaggeesse

You are here

Wixinee Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoofi Hojii Isaanii Murteessuuf Qophaa’e, Labsii Lakkoofsa_242/2014

  1. Komishinii Karooraafi Misoomaa

Komishinichi aangoofi hojii ar­maan gadii ni qabaata:

  1. Imaammatootaafi tarsiimow­wanii diinagdee mootummaa naannichaa ni maddisiisa; wix­inee isaanii ni qopheessa; qaama ilaaluuf ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hordoffiifi deeggarsa ni taasisa;
  2. Tarsiimoowwan misooma di­inagdee mootummaa irratti hun­daa’uudhaan karoora misoomaa yeroo dheeraafi giddugaleessaa mootummaa naannichaatiin raawwatamu ni qopheessa; yam­muu mirkanaa’u hojiirra ooluu isaa ni hordofa; ni to’ata; karoorri waggaa karoora tarsiimowaa naannichaa waliin kan deemu ta’uu ni mirkaneessa; bakka hanqinni jirutti sirreeffamni barbaachisu akka taasifamu ni taasisa;
  3. Sirnaafi kallattii karoora misooma diinagdee naannichaa ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  4. Hammata fiisikaalaa naannichaa yeroo yeroon ni qopheessa; qaa­ma dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; raawwii isaa ni hordofa;
  5. Haala qabatamaa imaammata fiisikaala naannichaa irratti qa­amolee dhimmi ilaalu waliin qo­rannoo ni gaggeessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naan­nichaatiif ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  6. Bu’a qabeessummaafi qulqullina raawwii imaammata diinagdeefi karoora misooma yeroo dheeraa­fi giddugalleessaa naannichaa ni hordofa; ni gamaaggama; raaw­wii isaa Mana Maree Bulchiin­saa Mootummaa Naannichaatiif yeroo yeroon ni dhiyeessa; ni mir­kaneessisa;
  7. Hammata diinagdee gooroo naan­nichaa ni qopheessa;
  8. Walitti dhufeenya manneen hojii mootummaa naannichaafi dhaab­bilee deeggartootaa naannicha keessatti argaman cimsuun sirna hordoffiifi deeggarsaa hirmaachisaa ta’e ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; ho­jiirra akka oolu ni taasisa;
  9. Akkaawuntii diinagdee sadarkaa guddina diinagdee naannichaa agarsiisu ni qopheessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; ni mirkaneessisa;
  10. Sirni hordoffiifi gamaaggamaa manneen hojii mootummaa naan­nichaa biratti beekamee hojiirra akka oolu hubannoo ni uuma; sir­nicha madaqsuufi raawwachiisu­un walqabatee tooftaa dandeettiin manneen hojii mootummaa naan­nichaa itti cimu ni diriirsa; hojiir­ra ni oolcha;
  11. Pirojektoota misoomaa gurgud­doo mootummaa naannichaatiin gaggeeffaman qaamolee mootum­maa naannichaa dhimmi isaan ilaallatu waliin ta’uun raawwii isaanii ni hordofa; ni madaala;
  12. Sagantaaleefi pirojektoota guddi­na diinagdee naannichaa keessatti faayidaa olaanaa qabaniifi seekta­rootaan qophaa’uu hin dandeenye ni qorata; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
  13. Tarsiimoowwan misooma di­inagdee mootummaa naannichaa bu’aa qabeessa taasisuuf sirna ista­atistiksii diriirsuun ragaa haala ammayaa’aa ta’een ni sassaaba; ni qindeessa; ni xiinxala; ni kuusa; ni tamsaasa; ni maxxansa;
  14. Ragaalee hawaas diinagdeefi qa­beenya uumamaa misooma naan­nichaatiif barbaachisan ni sassaa­ba; daataa beezii naannichaa ni hundeessa; barruulee istaatistiksii, pirofaayiliifi maappiiwwan adda addaa ni qopheessa; ni maxxansa; ni raabsa;
  15. Sagantaaleen imaammata dhim­ma ummataa irratti hundaa’uud­haan bahan akka hojiirra oolan ni qindeessa; karooraafi raawwii isaanii ni hordofa; ni madaala;
  16. Karoora misooma naannichaa kan yeroo dheeraa, giddugaleessaafi gabaabaa qopheessuuf kan gar­gaaran qo’annoofi qorannoo di­inagdee ni gaggeessa; safartuuleefi ulaagaalee waliigalaa dhimma diinagdeefi hawwaasummaa ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
  17. Akkaataa qophiifi dhiyeessa karo­oraafi pirojektootaa irratti man­neen hojii mootummaa naan­nichaatiif deeggarsa teeknikaa ni kenna; dandeettii raawwachii­summaa isaanii ni cimsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
  18. Hojiiwwan agro-ikoloojii naan­nichaa adda addaa irratti xiyy­eeffatamanii gaggeeffaman ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa; akkasumas karoora misoomaa qopheessudhaaf kan gargaaru ispeshaalaayizeeshinii oomishaatiifi haalota dandeet­tii misoomummaa addaa naan­nichaa irratti qo’annoo ni gaggees­sa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
  19. Akkaataa imaammata mootum­maatiin hirmaannaa kutaa diinag­dee dhuunfaatiin hojiiwwan gag­geeffaman irratti bu’aafi jijjiirama gama kanaan mul’atan irratti qorannoo ni gaggeessa; mootum­maaf ni dhiyeessa;
  20. Haala qabatamaa hawaas-diinag­dee naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa;
  21. Sirna ummanni qophii karo­oraa, hojiirra oolmaafi hordoffii­fi gamaaggama hojii misoomaa keessatti hirmaachuu itti danda’u ni diriirsa; raawwii isaa ni hordo­fa; akkasumas hojii misoomaa hirmaannaa ummataatiin gag­geeffaman irratti ragaa ni sassaa­ba; ni madaala;
  22. Hojiiwwan qo’annoo qiyyaasa, kaartaafi ji’ogiraafii guddinaafi it­tifufiinsa misooma naannichaaf gargaaran ni gageessa; akka gag­geeffamu ni taasisa;
  23. Raawwii misoomaafi imaammaata dhimma ummataa irratti sochiiw­wan manneen hojii mootummaafi miti mootummaa taasisan ni qin­deessa; qindoominaan ni hojjata.

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+0115225943/0115225644
  • E-Mail:-info@oromiaplan.gov.et
  • Website:-www.oromiaplan.gov.et
  • Postaa:- 2675/1250

 

Midiyaa Hawaasa

 

 

 

 

 

 

 

Copyright @2023 by Oromia Planning and Development Commission | www.oromiaplan.gov.et