Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

  • Slide Background Image
    Muxannoo hojii Wal Jijjiraa Komishinii Karoorafi Misooma oromiyaa fi
    Biiroo Karoora fi Misooma Naannoo Tigray
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Marii
  • Slide Background Image

You are here

 Gahee Hojii Daarektoreetii Xiinxala Dinagdee fi Imammataa

  1. Argannoowwan qorannoo fi qo’annoon argaman bu’ureeffachuun dhimmoota sirreeffamuu barbaachisan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ni taasisa;
  2. Imaammatootaa fi tarsiimowwanii  misooma mootummaa naannichaa maddisiisuu; wixinee isaanii qopheessuu; qaama ilaaluuf dhiyeessuu; yammuu mirkanaa’u hojiirra  oolchuu; hordoffii fi deeggarsa taasisuu;
  3. Imaammata karoora misoomaa yeroo dheeraa, giddugalleessaa fi gabaabaa naannichaa  qopheessuu, hordofuu; gamaaggamuu; raawwii isaa  qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun mirkaneessisuun hojiirra akka oolu taasisu;
  4. Akkaataa imaammata mootummaatiin hirmaannaa kutaa dinagdee dhuunfaatiin hojiiwwan gaggeeffaman  irratti bu’aa fi jijjiirama gama kanaan mul’atan  irratti  qorannoo gaggeessuun mootummaaf dhiyeessuu;
  5. Haala qabatamaa hawaas-dinagdee naannichaa irratti qaamolee dhimmi ilaalu waliin qorannoo  gaggeessuu;
  6. Sagantaaleen imaammata dhimma ummataa irratti bahan akka hojiirra oolan  qindeessuu; karooraafi raawwii isaanii  hordofuu;
  7. Imaammaata dhimma ummataa fi misoomaa ilaalchisee sochiiwwan manneen hojii mootummaa karoora sektarootaa keessatti akka haammatamuuf deeggarsa teekiniikaa  kennuu, mirkaneessuu fi hojiirra ooluu isaa raawwii karoora misoomaa  keessatti hordofuu;
  8. Raawwii Imaammaata dhimma ummataa fi misoomaa ilaalchisee sochiiwwan dhaabbilee miti mootummaa  keessatti taasifaman  qindeessuu; qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan  hojjechuu;
  9. Dhimmota imaammata dhimma uummataa fi misoomaa ilaalchisee qorannoo ni gaggeessa;akka qoratamus ni taasisa;
  10. Hammata Imaammataa (policy framework) karoora misooma yeroo dheeraa, giddugalleessaa fi gabaabaa naannichaa qorachuu, qopheessuu, hordofuu; gamaaggamuu; raawwii isaa  qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu; mirkaneessisuu;
  11. Hojii qorannoo imaammataa irratti dandeettii raawwachiisummaa manneen hojii    sadarkaa sadarkaan jiranii cimssuf leenjiiwwan adda addaa ni kenna, jijjirama mul’atus ni hordofa;
  12. Hojiilee biroo kanneen qorannoo fi xiinxala imaammata misoomaan walqabatan hundumaa ni   raawwata.