Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

              

 

  • Slide Background Image
    Leenjii GIS &GPS
  • Slide Background Image
    Dookumantii Inisheetivii Nageenyaa Misoomaa Itti Fufinsa
    qabu mirkaneessuu irratti Marii gaggeeffame
  • Slide Background Image
    Leenjii Kenniinsa Tajaajilaa fi Istandardii Kenniinsa Tajaajila Xiqaa
  • Slide Background Image
    Guyyaa Ayyyaana Riivaanii Adii fi Guyyaa Ayyaana HIV AIDSii
  • Slide Background Image
    KennaTajaajila Lammummaa gama kunuunsa biqiltuutiin kunuunsudhaan
  • Slide Background Image
    The Center for African Capacity Development (CACD)“ fi
    Koleejjii Daandii Boru waliin qinda'un Magalaa Adaamaatti Sekteroota Mootummaa Naannoo Oromiyaa
  • Slide Background Image
    Komishiniin Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Leenjii gaggeesse

You are here

 

Ergaa Komishinaraa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Karoora Imala Badhaadhinaa, KIB (2013-2022) qopheessuun raggaasisee hojiirra oolchaa jira. Waggoota muraasa darban keessattis bu’aawwan jajjabeessoo ta’an galmeessisuun danda’ameera. Fkf sochii gama diinagdee guddisuutiin taasifame qofaa yoo ilaalle, haala rakkisaa idili-addunyaa fi biyyaa keessatti hundumtaan oomishaa naannoo (RGDP) Oromiyaa waggoota lamaan darban waggatti giddu-galeessaan %7.3 agarsiisee jira. Galiin madda naannoo bara 2012 tti Qr Bil 25.33 ture bara 2014 tti Qr Bil 58.66 irra gahuun waggatti giddu-galeessaan guddina %52.2 galmeessisuu danda’eera. Haa ta’uu malee ammas qaala’insi gatii fi hojidhabdummaan hir’ina gama intarpiranarummaa fayyadamummaa teknolojii akkasumas hanqina sirni gabaa keenya qabuun walittidabalamanii qormaata guddaa diinagdee keenyaa ta’anii argamu.

Ergamni Komishinii karooraa fi Misoomaa Oromiyaa yeroo kanaatis hojirra-oolmaa KIB cimsuu ta’a. Kanaafis yaadota KIB hawaasa bal’aa fi qooda-fudhattoota biratti hubachiisuu, karoora misoomaa yeroo giddu-galeessaa fi gabaabaa qophaa’u KIB wajjiin akka walsiman taasisuu, fi gamaaggama raawwii fi madaallii bu’a-qabeessuummaa manneen hojii gaggeessuun dhimmoota gurguddoo gama KKMOtiin irratti xiyyeeffataman ta’u. Qulqullinaa fi saffina raawwii KIBtiif akka gargaaru qorannoowwan imaammataa fi tarsiimoowwanii gaggeessuun yaadni fooyya’insaa kan dhiyaatu ta’a. Kana gochuuf dhimmootni lama murteessaa ta’an xiyyeeffannaa akka argatan gochuu barbaachisa. Isaanis ragaa fi dandeettii humna namaa ti.

Gama kanaan qaamolee KKMO cinaa dhaabbatanii milkaa’ina kaayyoowwan KIB tiif gumaacha taasisan hundaa galateeffachaa qindoomini keenya cimee akka itti fufu gaafadha.

Afaan Oromoo

NUU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+0115225943/0115225644
  • E-Mail:-info@oromiaplan.gov.et
  • Website:-www.oromiaplan.gov.et
  • Postaa:- 2675/1250

 

Midiyaa Hawaasa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Copyright @2023 by Oromia Planning and Development Commission | www.oromiaplan.gov.et