Komishinii Karoora fi Misooma Oromiyaa Leenjiin keenne
Komishinii Karooraa fi MisoomaaOromiyaa fi Biiroo Paabilik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa waliin taa’un magaala Sabbataatti mata duree Kenniinsa Tajaajilaa fi Istaandaaridii kenniinsa tajaajilaa xiqaa jedhu irratti hojjattoota Komishinii hundaaf leenjii kennee.
Leenjiin kun kan barbaachiiseef tajaajilli manneen hojii keessatti kennamu si’ataa,gahumsa kan qabuu fi bu’a qabeessa akka ta’u akkasumsa ka’umsa Rakkoolee kenna tajaajilaa sirreessuuf yaadame akka qophaa’ee ibsamee jira.
Xumura irratti Komishineera Komishinii Karoora fi Misooma Oromiyaatiin kallatii Hojii kennuun leenjiin guyyaa tokkoo xumuramee jira