Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

  • Slide Background Image
    Muxannoo hojii Wal Jijjiraa Komishinii Karoorafi Misooma oromiyaa fi
    Biiroo Karoora fi Misooma Naannoo Tigray
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Marii
  • Slide Background Image

Daarektoreetii Qo’annoo Pirofaayilii Hawaas-Dinagdee fi ’GIS’               

Gahee Hojii Daarektoreetii Qo’annoo Pirofaayilii Hawaas-Dinagdee fi ’GIS’

  1. Karoora hojii daarektoreetichaa ni qopheessa, yeroo mirkana’uu hojiirra ni oolchaa,gabaasa isaas yeroo yerootti qopheessuun qaama  ilaallatuuf ni dabarsa;
  2.  Ragaalee qophii pirofaayilii hawaas-dinagdee qopheessuuf barbaachisan ni sassaaba;
  3. Dokumantoota Pirofaayilii hawaas-dinagdee fi qabeenya uumamaa gandootaa, aanaalee, godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi naannoo ni qopheessa,ni maxxansa,ni raabsa;
  4. Hojii Kaartoolee (Maps)  adda addaa qopheessuu, maxxansiisuu fi raabsuu ni hojjeta;
  5. Hojiiwwan qo’annoo qiyyaasa kaartaa fi ji’ogiraafii fiizikaalaa guddina  misooma naannichaaf gargaaran ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa;
  6. Ragaalee bu’uuraalee misoomaa ilaalchisee facaatii faasilitiiwwanii ’GPS’ fayyadamuun sassaabuun galtee hojii karooraa akka ta’an ni hojjeta;
  7. Dandeetti raawachiisummaa aanaalee, godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi sekteroota naannoo cimsuuf leenjii qo’annoo pirofaayilii hawaas –dinagdee, ji’ogiraafii  fiizikaalaa fi ’GIS’, ni kenna;
  8. Ragaa ’GIS’ (GIS data) aanaa, bulchiinsa magaalaa, godinaa fi naannoo sektera sekteraan ni qopheessa;
  9. Jii’ografii fiizikaalaa godinaalee fi naannoo ni qophessa, ni maxxansa, ni raabsa;
  10. Atilaasiiwwan adda addaa ni qopheessa,ni maxxansa,ni raabsa
  11. Hojiilee dabalataa Qo’annoo pirofaayilii hawaas-dinagdee fi jii’oogiraafii fiizkaalaa akkasumas ’GIS’,  waliin wal qabatan hundumaa ni raawwata.
Afaan Oromoo