Koomishiniin Karooraa fi misoomaa Oromiyaa Leenjiin mata-duree "Dantaa biyyaalessaa fi Ji'oo istiraateejikaalaa irraa gara Dhaabbannoo Haaromeetti" jedhu irratti hojjetoota koomishinichaatiif kennamaa oole.
Biyya Dantaafi fedhiin Biyyaalessaa keessatti kabajame uumuun Badhaadhinaafi nageenyaa itti fufiinsa qabu milkeessuuf tarkaanfiin dhaabbannoo Haaromeetti taasisuun murteessaadha.
Itoophiyaan biyya dinagdee, siyaasaafi Badhaadhina itti fufinsa qabu gonfatte taasisuuf tarkaanfiiwwan dhiibbaa uumtummaa ji'oo istiraateejii Dhaabbannoo Haaromeen dantaafi fedhii Biyyoolessaa eeguufi kabachiisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Jijjiiama dinagdee yeroo Amma biyyi keenya galmeessaa jirtu keessatti hojjetaan mootummaa ga'ee olaanaa qabaachuu isaa fi sadarkaa tekinoloojiin biyya keenyaa irra ga'een hojiilee hunda bifa dijitaalaan hojjechuu fi Uummatummaa ykn tajaajiltummaa kan giddu galeeffate lafa qabsiisuu keessatti shoorri hojjetaa mootummaa ol aanaa dha Jedhan koomishinichatti koreen gamtaa paartii badhaadhinaa kan ta'an Obbo Girmaa Ayyaansaa .
IA.koomishinjeraa koomishinichaa Dr . Mokonnon Barsiisaa fi Dr. Mogos Tufaa Waltajjicha irratti argamuun yaadaa fi gaaffii hirmaattota irraa ka'e tti yaada cuunfaa kennuun goolabameera .



