Komishinii Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Leenjii kennee

  • 14 Dec 2022
  • Posted by adminiplacom
  • 0 Comments

Komishinii Karooraa fi Misoomaa Oromiyaatti Daarektoreetii Qo’annoo Pirofaayilii Hawaas- Dinagdee fi “GIS”Naannoo Leenjii Oguummaa mata duree “Basic GIS and GPS” jedhu irratti Ogeessota Ragaa Aanaalee Godinoota Arsii ,Arsii Lixaa, Harargee Bahaa fi Harargee Lixaatiif Magaalaa Adaamaatti marsa 1ffaa fi 2ffaan kennamee jira. Barbaachisummaa leenjiichaa ilaachiisee Daarektoreetii Qo’annoo Pirofaayilii Hawaas- Dinagdee fi “GIS”Naannoo Obbo ZalaalamTsagaayee akka ibsanitti  ‘GIS Software and GPS’ irratti hubannoo leenjifamtootaa cimsuun ‘GPS’tti fayyadamuun facaatii raga bu’uuraalee misoomaa fi hawaasa-dinagdee ,faasilitiiwwanii fi qabeenya uumamaa sassaabuun ‘GIS’tti fayyadamuun ‘shape file’ qopheessuu akka danda’a kan kaayyeefatee yoo ta’u leenjiichi kun marsaa 3ffaas kan itti fufu ta’uu isaa obbo zalaalam ibsanii jiru.Dhuma leenjichaa irrattis ragaalee sassaabamuu qaban ilaalchisee ibsi kan kenname jira.

Leenjifamtoota Aanaalee Godinaa Komishinara KKMO waliin mariin yeroo gaggeeffamu mariin bal’aanis gaggeeffamee jira.