Komishinii Karooraa fi Misoomaa Oromiyaatti Workshooppii Gaggeesse

  • 14 Dec 2022
  • Posted by adminiplacom
  • 0 Comments

Daarektoreetiin Qorannoo Imammaata Misoomaa mata duree Barbaachisummaa Gahomina Dargaggoota Milka’ina Galma Misoomaaitti-fufinsaaf jedhu irratti Sekteroota Mootummaa fi Dhaabbilee Misoomaa/NGO kallatiin dhimmi ilaaluu waliin Magaalaa Adaamaatti maree gaggeesseera.

Hirmattoonni babachiisummaa mata duree workishoopichaa irratti dhimmi yeroon barbaaduu fi murteessaa akka ta’e yaadaa erga kennannii booda Dubartoonnii fi Dargagggootni kuta hawaasaa keessaa isaan murteessaa waan taa’aniif gara fulduraattis ajandaa kana irratti ciminnaan itti fufinsaan hojjachuun akka barbaachiisuu fi kan yeroon itti hin keennamne ta’uu waliigalun waltajjiin xumurameera.