Komishiniin Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Leenjii gaggeesse

  • 02 Jun 2023
  • Posted by adminiplacom
  • 0 Comments

 “The Center for African Capacity Development (CACD)“ fi Koleejjii Daandii Boru waliin  qinda'un Magalaa Adaamaatti Sekteroota Mootummaa Naannoo Oromiyaa: Biiroo Maallaqaa ,Biiroo Barnootaa, Biiroo  Fayyaa, Biiroo Daadii fi Loojistiksii, A/T Konistiraakshinii ,Biiroo Misooma Jalisii fi Horsiisee Bulaa fi Ogeeyyii kalattiin dhimmi ilaaluu Godinaalee  fi Magaalaa Shaggar   irra kan dhufaniif  Caamsaa 07 hanga 11 bara 2015 mata duree '' Project  Planning and Management "  jedhu irratti  Leenjiin kennameera.

Leenjii kana  Leenjiifamtoonni garee gareen qoqodamaan  mariyaachun ,bakka tokkotti deebi'un marii isaanii guyyaa guyyaan  dhiyeessun  yaadaa fi gaafiin bal’inaan kaasuun hubannoo isaanii   gabifachaa kan  turan ta’u  hubachuun danda’ameera .

Dhumma irrattis  D/r Abdulaziiz Dawud Komishineera Komishinii Karooraa fi Misooma Oromiyaa hirmaatotaa leenjii kanaaf waraqaa ragaa ergaa kenanii boodaa  leenjiin kun raakkoo pirojaktii Karoorsuu  irra kaassee hanga raawwii isaatti jiru   hikuuf jechaa qammoota adda addaa waliin qindeessun  kan qopheessine waan ta’ef dhimmi kana xiyyeeffannoo gudda kennuun  yeroo mana hojii keessaniit deebiitan qaamma isiin waliin hojaataniifs hubannoo isaanii cimsuun humana walii ta’un akka rakkoolee Pirojakti keessatti mullachaa turan  hikittan abdii gudda isiin irratti horachaa,

Fundureetis waliin hojechuun barbaachisa akka ta'e  eeruun  kaallatti hojii kenuun leenjichii xumurameera.

                                                                  Komnikeeshinii KKMO