Koomishiniin Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Karoora Sadarkaa gandaatti hirmaannaa uummataatiin qophaa’u irratti leenjii leenjistootaa guyyaa lamaaf turu kennaa jira
Kaayyoon leenjii kanaa hawaasi hojiilee hojjetamu hundaaf abbummaan karoora isaa qophessuu irraa eegalee akka keessatti hirmaatu gochuun fayyadamummaa isaa karaa mirkaneeffachuu danda’u uumuuf yaadamee akka ta’e himameera.
Leenjiin kunis godinoota sadarkaa kilaasteraatiin qoqqooduun kennamuu kan eegale Yammuu ta’u marsaa kana kilaastera Jimmaa jechuun Godina Jimmaa, Buunnoo beddellee, I/Abbaa boorii fi Shawaa Kibba lixaaf kennamaa jiru kana irratti godinootaa fi Bulchiinsa magaalotaa kanneen irraa IG waajjira karooraa fi A/adeemsaa , IG Waajjira Paartii, IG waajjira maallaqaa fi Abbaa Adeemsaa , IG Waajjira Bulchiinsaafi Kantiiboti magaalaa hirmaachaa jiru.
Leenjii kanaan Karoora sadarkaa gandaatti qophaa’u hirmaannaa uummataatiin akkaataa itti qophaa’uu danda’u irratti leenjii leenjistootaa ergaa kennamee booda leenjiin kun gara gadiitti gadi bu’uun sadarkaa aanaa hanga gandaatti hawaasa bal’aaf ergaa kennamee booda gara karoora kana qopheessuutti kan seenamu ta’uu fi Leenjiin kunis marsaa itti aanu kilaastera hundaa irratti kennamuuf karoorfamee akka jiru himameera Finfinnee Amajjii 23/2017(KKMO)