Miseensonnii Hundee paartii badhaadhinaa Koomishinii Karooraa fi misoomaa Oromiyaa Konfiraansii Qophii Yaa’ii 2ffaa Dhaadannoo Waadaarraa hanga Aadeffannaatti jedhuun guyyoota walitti aanan sadiif geggeeffamaa ture Xumurame.
Waltajjichi guyyoota walitti aanan sadiif geggeeffamaa kan ture yammuu ta'u
Waltajjicha irratti bu'aawwan paartii keenyaan waggoottan walitti aanan shanan darbanitii karaa dinagdee,karaa hawwasummaa fi gama siyaasaa fi nageenyaatiin argaman irraati ibsa bal'aa karaa PMNO obbo Shimallis Abdiisaa viidiyoodhaan dhiyaatee irratti mar'atamaa kan ture yammuu ta'u maateeriyaalii adda addaa dhiyaatee dubbifame dabalatee mata dureewwan addaa addaa irratti maree bal'aan geggeeffamaa tureera.
Kanuma duukaa qaphxiin ceephoo fi ceepha'amaa dhiyaatee miseensi hunduu qaphxiiwwan kan a hunda irratti of ilaaluun hojii paartii hunda ija fayyadamummaa hawaasaa fi hojimaata paartii lafa qabsiisuutiin keessatti of ilaaluun ceephoo fi ceepha'amni miseensa hundaa geggeeffameera. Danbiin ittiin bulmaata paartii fooyya'ee ba'e ilaalchisee maateriyaalii dhiyaate irrattis ibsi kennameera.
Xumura irratti miseensa Yaa'ii paartii sadarkaa naannoo irratti geggeeffamu irratti hirmaatan nama lama filachuun waltajjichi karaa namatti toluun goolabameera.
.