Nuu Qunnamaa      +0115225943/0115225644     info@oromiaplan.gov.et                 

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Muxannoo hojii Wal Jijjiraa Komishinii Karoorafi Misooma oromiyaa fi
    Biiroo Karoora fi Misooma Naannoo Tigray
  • Slide Background Image

Baga Nagaan Gara Marsaarittii Komishinii Karooraa fi Misooma Oromiyaa dhuftan!

 

Ergaa Komishinaraa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Karoora Imala Badhaadhinaa, KIB (2013-2022) qopheessuun raggaasisee hojiirra oolchaa jira. Waggoota muraasa darban keessattis bu’aawwan jajjabeessoo ta’an galmeessisuun danda’ameera. Fkf sochii gama diinagdee guddisuutiin taasifame qofaa yoo ilaalle, haala rakkisaa idili-addunyaa fi biyyaa keessatti hundumtaan oomishaa naannoo (RGDP) Oromiyaa waggoota lamaan darban waggatti giddu-galeessaan %7.3 agarsiisee jira. Galiin madda naannoo bara 2012 tti Qr Bil 25.33 ture bara 2014 tti Qr Bil 58.66 irra gahuun waggatti giddu-galeessaan guddina %52.2 galmeessisuu danda’eera. Haa ta’uu malee ammas qaala’insi gatii fi hojidhabdummaan hir’ina gama intarpiranarummaa fayyadamummaa teknolojii akkasumas hanqina sirni gabaa keenya qabuun walittidabalamanii qormaata guddaa diinagdee keenyaa ta’anii argamu.

  

ODUU

Koomishiniin Karooraa fi misoomaa Oromiyaa Leenjiin mata-duree "Dantaa biyyaalessaa fi Ji'oo istiraateejikaalaa irraa gara Dhaabbannoo Haaromeetti" jedhu irratti hojjetoota koomishinichaatiif kennamaa oole.

Biyya Dantaafi fedhiin Biyyaalessaa keessatti kabajame uumuun Badhaadhinaafi nageenyaa itti fufiinsa qabu milkeessuuf tarkaanfiin dhaabbannoo Haaromeetti taasisuun murteessaadha.

Ayyaanni alaabaa marsaan 18ffaan kabajamee oole.

Ayyaanni alaabaa akka biyya keenyaatti marsaa 18ffaaf dhaadannoowwan garaa garaatiin sirna ho'aa ta'een kabajamee oole. Sirna kabaja ayyaanichaa Moora waajjira paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa keessatti kabajamee oole kana irratti Hooggansii fi hojjetootni koomishinii Karooraa fi misoomaa Oromiyaa argamuun ayyaanicha irratti hirmaataniiru.

Koomishiniin Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Karoora Sadarkaa gandaatti hirmaannaa uummataatiin qophaa’u irratti leenjii leenjistootaa guyyaa lamaaf turu kennaa jira

Kaayyoon leenjii kanaa hawaasi hojiilee hojjetamu hundaaf abbummaan karoora isaa qophessuu irraa eegalee  akka keessatti hirmaatu gochuun   fayyadamummaa isaa karaa mirkaneeffachuu danda’u uumuuf yaadamee akka ta’e himameera.

suuraa adda addaa

Bakka Teessuma Lafaa

Bakka Teessuma Lafaa

Mootummaan Naannoo Biyyaalessaa Oromiyaa naannolee Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa keessaa tokko.

Afaan Oromoo

Kuusa

Viidiyoo